subscribe to our newsletter

It is a long established fact that a reader will be distracted by the readable content

Oromootni Lola Calanqoo lrratti akka injifatamaniif wantoota sababa tahan/saaxilan.

1ffaa humnaan waligitu dhabuu

Lola Calanqoo duraan duursee lolli kun kan gaggeeffame warra humna lolaa walqixxee qabu jidduttii miti akka ragaan barreeffamaa tokoo tokko jedhutti loltootni Minilik kan Lola Calanqoo irratti hirmaatan lakkoofsaan 25,000 hanga 35,000 kan shalagamu yommuu tahu, kana keessaa irra caalaan isaanii meeshaa waraanaa haarahaafi ammayyaa yeroosanaa kan hidhatanii dha. Gara Oromootiin lakkoofsi Namoota 4000 tii waytti shalagamu kana keessaa Nama 1000 qofaatu qawwee dullattii qabatee ture jedhama. Isaan hafan immoo faradoo fi waraanaaf gaachena, qottoo,mancaa fi xiyyaa kan qabatanii dha. Garuu waa’ee baayyina Loltoota kanaa Manguddootni Godinaa Harargee Bahaa tokko tokko akka himanitti lakkoofsi loltoota Minilik 70,000 hanga 100,000 yommuu  shalagamu, lakkoofsii loltoota Oromoo  immoo 35,000 hanga 60,000 shalagama jedhu. Tahuus maddi ragaa lamaanuu kan agarsiisu loltootni Minilik lakkoofsaan kan Oromoodhaa akka caalu agarsiisa. Kana malees Minilik gorsitootaa fi leenjistoota lammiiwwan biyyaa alaa danuu qaba ture. kanafuu loltootni Minilik tooftaa fi tarsiimoo waraanaatiin akka gaaritti kan leenjiifaman tahuusaatii.

2ffaa Ummatni Oromoo  Harargee weeyrartoota gibxi fi Turk waliin yeroo wal lolaa turanitti.

Namoota cicimoo baayyee dhabuu fi sirni ittin bulmata isaanii Raabaa fi Doriin baayyee dadhabuu isaati. Fakkeenyaaf, jalqaba Aanaa Cinaaksan bakka Egguu jedhantutti A.L.A. naannoo bara 1976 tti lolaa guddaa sa’aatii torbaaf ture lrratti baayyina lakkoofsaa fi tooftaa lolaa fayyadamuun waraana Misraa caalanii turanillee meeshaa ammayyaa waan hin qabneef lola kana irratti baayyee miidhamuun akka moohaman tahaniiru. Kana boodaas ummatni kun koloneeffatoota kanaaf tole jedhee osoo harkaa hin kennin iddoo saditti jechuun Aanaa Gursum naannoo Gaara Qunduddoo, Aanaa Kombolchaa bakka Dirree Goflee jedhamtu fi Gaara Mullataa bakka Cirracha jedhamtutti lola waraanaa diinaa kana wallin godhaniin baayyee akka miidhaman himama.

lolaa Gibxii

Keessattuu bakka Dirree Goflee jedhamtuttii loltoota baayyee waraana Misraa irraa fixuu danda’anillee, lolaa cirrachaa lrratti Hoggantoota  Ormoo cicimoon kanneen akka Ballaa Buubaa, Caammaa Nuurii fi Shaxaan faan dhumuu fi kan akka Orfoo Jiloo mana hidhaa keessatti loltoota misriitiin baayyee miidhamanii hamileen caphuun loltootni Minilik lolaa dirree Calanqoo  lrratti Oromoota injifachuu akka danda`aniif karaa bane. kana maleess weeyrartootnii Gibxii kun hayyuu Oromoo  Nama Orfoo jedhamu kana erga mana hidhaa keessatti dararaa turan boodaa Amantii Islaamaa fudhaachiisuudhaan Maqaa Umar jedhamuuttii jijjiiranii bakka bu’aa isaanii Godhachuun Aanoota Gaaraa Mullataa keessatti Amantii Islaamaa akka baballisu godhanii turan. Kana irraa kan ka’e  Oromootni Gaara Mullataa har’allee yommuu makmaakan

“Salaata raadaa sodaa Garaadaa”

jechuun itti fayyadamu. Sababniis Arabootni Orfoo Garaada Gaara Muulataa bulchu godhanii waan filaniif yeroo sanatti inniis Namoota Salaata hin saganne Raada/Goromsa tokko akka adabaman waan godhaa tureef.As irratti wanti hubatamuu qabu Harargee keessatti Maqaa ykn jechi Damiina, Garaada fi Malaaqa jedhu kana  Arabootni (Tarkii fi Gibxii) akkuma Oromiyaa Bahaa qabataniin ittin bulmaata sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Sabni kun ittin bulaa ture laaffisuuf Gosoota Oromoo kan naannoo kana jiran keessaa Namoota duursitoota Gosaati jedhanii filuudhaan Maqaa olitti tuqame kana moggaasaniifi ergama ofii ittin lafa qabsiifachaa akka turan himana. Oromootni Lola Calanqoo lrratti akka injifatamaniif wantoota sababa tahan/saaxilan.

3ffa. Tarii Ummatni Oromoo Godina Harargee Bahaa waytii lola calanqoo sana yeroo cee’umsaa keessa waan jiraniif jedhamee dubbatama.

Sabaniis Arabootni yeroo saba kana weyyaranii turan sanatti  ittin bulmaata Sirna Gadaa Raabaa fi Doorii akka laamishaahu/dadhabu gochuuf adeemsa olitti ibsame Damiina, Garaadaa fi Malaaqni Abbootii Gadaa waan bakka buufamaniif adeemsa isa haarayaa kanaan waliin wal baruu hin dandeenye. Kanaafuu sirna lamaanuu keessaa isaa tokko jechuun adeemssa ittin bulaa turan Sirna Gadaa ykn Sirnna Arabootni fidan cimsuudhaan itti fayyadamaa kan hin turin waan taheef haala cee’umsaa akkasii keessa taa’anii weeyrara Nafxanyootaa kana karaa qindaawee fi tokkummaan of irraa ittisuun waan hin dandaa’amneefi.

4ffaa gantummaa

Lolaa calanqoo

Namootni tokko tokko kan akka Mucee, Aligalmoo,  Katabee Qomboorroo fi k.k.f ilmaan Oromoo  tahanii badhaasa Minilikiin sossabamuudhaan diina isaanii karaa duubaatiin Oromotti fiduun waraannii Oromoo  akka caphuuf gahee guddaa taphachuu isaaniiti.Kana malees waraanni Nafxanyootaa gantoota saba ofii ganan kanneen akka Maqaan isaanii olitti tuqaman kana fayyadamuudhaan jiddugala teessoo ittin Bulmaata Sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota kanaa dafanii weeyraruudhaan akka isaan walqunnamanii weeyrara isaan qunname kana ofirraa ittisuuf fala hin kaayyanne gochaa turan.

Fkn humni  Nafxanyootaa Minilik jiddu-gala ittin Bulmaata Sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota Anniyyaa Kan taate naannoo laga Burqaa bakka Burqaa Tirtiraa jedhamtu erga qabatan booda naannoo iddoo kanatti dhihoo taate bakka Ganammi jedhamtu qabatanii turan.Iddoon tuniis Maqaa Ganammi jedhamu kun akka moggaafamuuf sababa kan tahe Namni Qanyi Azmaach Ganammi jedhamu hogganaan Waraana Nafxanyaa (Magaalaan) akka achitti hundeeffamtuu fi Beeta Kiristiyaanni akka achitti ijaaramu waan godheef Maqaa Nama kaanaatiin moggaafamuu dendeesse jedhama.

Gara biraatiin Namni kun Magaalaa Gurawaa tan duraan Aanaa Gaara Mullataa bakka Cirracha jedhamtutti hundeeffamuuf kaate akka iddoo amma jirtutti hundeeffamtu godhuu bira dabree Beeta kiristiyaana Goorgis jedhamu kan Magaalaa sana keessaa akka ijaaramu kan godhe isa akka tahe himu.

Iddoon maanni Amantaa kun itti ijaaramees duraan iddoo Waaqeffannaa Oromootaa  akka turteefi  yeroo sanaas Orommoota achitti Waaqeffatan achirraa arihuudhaan Beeta Kiristiyaana kana akka achitti ijaaramu godhe jedhama

https://pin.it/750ctVzTx

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

Scroll to Top